BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Isin hin darbiin
Israa'el maaliif mootummaan Iraan akka kufuuf Tiraamp amansiisuuf yaaltii?
Yeroo US humna waraanaa Baha Giddu Galeessaatti sochoosuun Iraan haleeluu dandeessi sodaan jedhu hammaatee jirutti gaggeessitoonni Israa'el bifa kana dura hin baramneen callisuu filataniiru
Haala Itoophiyaa keessa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa' akka jiru UN ibse
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutrees Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti waldhabdeen haammachuu fiwalitti bu'iinsi mudachuu gabaasalee ba'uu hordofee yaaddoo qabaachuu ibsi kun akeekera.
'Waamicha marii Gamtaan Afrikaa taasise nan fudhadha'- TPLF
Mootummaa Itoophiyaa waliin bifa haaraan muddama keessa kan gale TPLF waamicha marii Gamtaan Afrikaa taasise akka fudhatu beeksise.
KALLATTIIN, Haleellaa Raashiyaan gaggeessiteen Yukireen keessatti daa'imman 12 ajjeefaman -Aanga'oota
Haleellaa dirooniin Raashiyaan gaggeesisteen Yukireen bahaa keessatti daa'imman 12 ajjeefamuu dhaabbanni annisaa dhuunfaa biyyattii keessatti guddaa ta'e hime.
Iraan dhimmitee marii cimaa nu waliin taasisaa jirti- Tiraamp
US humna waraanaa gara Iraanitti siqsuu hordofee Iraan US waliin marii eegalte
Faransaay gaa'ela keessatti saal-quunnamtiin dirqama tahuu haquufi
Faransaay yaada dirqamni gaa'elaa saalqunnamtii raawwachuuifidha jedhu haquuf seera baasuurratti hojjechaa jiraachuu beeksifte.
USS Abraham Lincoln: Dooniin waraanaa guddichi Ameerikaan gara Iraanitti butte maal qabateera?
Tiraamp ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamuun dabarseen, doonii waraanaa guddicha Ameerikaa USS Abraham Lincoln jedhamu humnoota waraanaa biroo waliin gara Galoo Galaanaatti erguu ibseera.
Iraan humna waraanaa biyyoota Awurooppaa "shorokeessummaan" farrajuun haaloo bahuufi
Iraan humna waraanaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa "gareewwan shororkeessitootaa" jechuun farrajuuf akka jirtu beeksifte.
'Naannoon Somaalee duraan waraanaa fi walitti bu'iinsaan beekamu har'a qe'ee nagaa fi misoomaa ti' - MM Abiy Ahmad
Ministirri Muummee Abiy Ahmad Jigjigaatti argamuun hoggantoota biyyoota Somaaliyaa fi Jibuutii simatan
Kuuliin seenaa dheeraa qabu fayyaafi miidhaginaaf faayidaa akkamii qaba?
Kuulii biyyoota baayyee keessatti dubartootatu kuullata, haata'u malee biyyoonni dhiironniifi daa'imman kuullatanis jiru. Dubartoonni maaliif kuullatu? Dhiironni maaliif kuulii kuullatu? Daa'immanoo kuulii kuullachuun maaliif isaaniif barbaachise?
Naannoo Tigraay haleellaa diroonii bakkeewwan sadiitti raawwatameen namni tokko du'uu poolisiin ibse
Naannoo Tigraay godina Giddu-galeessaa keessatti magaalota argamaniifi aanaa tokko keessatti Jimaata halkaniifi har'a ganama haleellaawwan diroonii raawwatamuu maddeen BBC mul'isaniiru.
KALLATTIIN, Siitiin Tootenhaam waliin qixa, Viilaan mo'amuun Arsenaal biraa isaan hambisaa jira
Arsenaal kaleessa dirree Liids deemee 4 fi 0'n mo'atee garaagarumaa qabxiin ittii dursaa jiru gara torbaatti ol guddifateera. Aston Viilaa fi Maanchester Siitiin ammoo Dilabata taphataniiri. Siitiin Tootenhaam waliin qixa, Aston Viilaan ammoo Bireentifoordiin mo'ameera. Kun ammoo morkii waancaa Arsenaal waliin taasisanirraa duubatti isaan harkisaa jira.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Doonii waraanaa guddicha US gara Iraan ergite maal baata?
Ameerikaan doonii waraanaa guddicha 'USS Abraham Lincoln' jedhamu humnoota waraanaa biroo waliin gara Galoo Galaanaatti ergiteetti
Viidiyoo, Tiraamp amma Iraan irraa maal barbaada?
Wanti ijoo Ameerikaafi Iraan walitti buusaa jiru maalidha?
Viidiyoo, Oromoon Waataa dhaattuu Bisaan Maanyaa - Garba Indiyaa jiraatan eenyu?
Argaa-dhageettiin jaarrolee Waataa, gosi kun Itoophiyaarraa kahuun jaarraa hedduun dura gara Keeniyaatti as cehuu himu.
Viidiyoo, Doktorri dargaggoo qaama saalaa isaa mure hodhan maal jedhu?
Taateen Sanbata xiqqaa darbe dargaggeessi jiraataa magaalaaa Finfinnee ta'e tokko ofirratti raawwate waan nama dhagahuufuu hin tolle.
Viidiyoo, Jawaar ulaa galaanaa, muddama, MM Abiy, KFO fi egeree qabsoorratti
Xinxalaa siyaasaa Jawaar Mohaammad dhimma muddama Gaanfa Afrikaa, siyaasa Itoophiyaafi Oromoo irratti BBC waliin turtii taasise.
Viidiyoo, Itoophiyaafi Abbayyaarratti Tiraamp waan shan dogongoran
Donaald Tiraamp marsaa lammataaf Pirezidantii US ta'uun filamanii waggaa tokko keessatti waan dalagan tarreessaniiru.
Viidiyoo, Ameerikaan osoo boba’aa hedduu qabduu maaliif kan biraa barbaaddi?
Ameerikaan oomisha boba’aan biyyoota sadarkaa duraarra jiran keessaati. Garuu, kan biraa barbaaddi. Maaliifi?
Viidiyoo, Itoophiyaan waamicha marii Tiraamp fudhachuumoo diduu qabdi?
Itoophiyaan waamicha marii Pirezidantiin Ameerikaa dhihoo taasisan irratti deebii kennuuf danqaa keessa jirti jedhan gorsaan duraanii mootummaa Itoophiyaa.
Viidiyoo, 'Nuti misooma hin jibbine garuu maaliif waadaa seenanii nu soban'
Qonnaan bultoonni ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Bishooftuuf buqqa'an komii akka qaban BBC'tti himan.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Humni Qilleensaa Itoophiyaa addunyaarraa sadarkaa kamirra jira, xiyyaarota akkamiifaa qaba?
Sirni kabaja waggaa 90ffaa hundeeffama Humni Qilleensaa Itoophiyaarratti xiyyaarota waraanaa nama maleeyyii agarsiifaman keessaa kan biyyattiin Raashiyaarraa argatte Sukhoi jedhamu qilleensarratti mul'ateera.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Dantaa Itoophiyaa eegsisuuf akka nuti hin rafne diinonni keenya haa beekan -MM Abiy
Fedhii, tarsimoo fi dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa mirkaneessuun hojii ijoo fuulduratti nu eeggatu waan ta'eef akka of qopheessitan jechuun MM Itoophiyaa Abiy Ahimad humna qilleensaa biyyattif waamicha dhiyeessan.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Itoophiyaanonni seeraan ala ari'amuuf jirra jechuun bulchiinsa Tiraamp irratti himata dhiyeessan
Falmitootni mirga godaantotaa, bulchiinsi Tiraamp heyyama eegumsa godaantota Itoophiyaaf godhamu dhaabuuf murteessuu isaa hordofee mana murtiitti himata bananiiru.
Itoophiyaan 'loogiifi doorsisa' Tiraamp dura akkamiin dhaabbachuu qabdi?
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp walitti aansanii irra deddeebiin dhimma hidha Abbayyaafi Itoophiyaa dubbachaa jiru.
'Shiftaa sakattaana qe'ee keessan dhiisaa bahaa nuun jennaan waan qabnu mara dhiifnee baane' - Jiraattota Matakkal
Naannoo Beenishaangul gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti 'shiftaa' sakattaana jedhamuun jiraattonni qe'ee gadhiisanii buqqa'an
Dogongora Tiraamp shanan Abbayyaafi Hidha Abbayyaarratti
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ammallee irra deebiin dhimma Hidha Haaromsaa dubbataniiru. Kamtu dhugaadha?
Xalayaa Tiraamp irratti Masriifi Sudaan maal jedhan? Itoophiyaan maal gochuu qabdi?
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp irra deebiin Hidha Abbayyaarratti Itoophiyaafi Masrii ''araarsuu'' akka barbaadan ifatti beeksisaniiru.
Itoophiyaan maallaqashee biyya keessatti maxxansuuf maaltu ishee barbaachisa?
Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad tibbana konfiraansii haala maallaqa Itoophiyaa ilaallatu bara 2026 kan dhaabbilee maallaqa mootummaa fi damee faayinaansii biroo irratti hirmatan irratti haasawa taasisaniin Birrii biyya keessatti maxxansuuf karoora akka qaban ibsan.
Muddama Hidha Haaaromsaa Abbayaa irratti jiru furuun ajandaa koo isa angafaati -Tiraamp
Pirezidant Tiraamp Itoophiyaafi Masrii araarsuuf fedhii akka qaban xalayaa Pirezidantii Masriif barreessaniin beeksisan.
Mootummaan Itoophiyaa waraana jalqabuuf sababa barbaadaa jira - Ertiraa
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho'aniif rasaasa kumaatamaan mootummaan Eertiraa erge nan to'adhe erga jedhee, Eertiraan deebii kennite.
Ispoortii
Deggartoonni Arsenaal imala kilabichi gara waancaatti taasisurratti dhiibbaa uumaa jiruu?
Arsenaal erga Maanchistar Yunaayitid Emireet irratti isa injifatee qeeqi itti heddummaateera. Arsenaal bara kana yeroo jalqabaaf dirreesaarratti kan mo'ame tapha kana.
Tilmaama Piriimer Liigii: Siitiin qabxii gataa laata? Arsenaal hoo?
Tootenhaam Dilbata dhufu Maanchester Siitii simatee keessummeessa. Dursaan Liigichaa Arsenaal ammoo gara Liidis deeme etaphata. Taphoota Piriimer Liigii torban 24ffaa Suutan akka itti aanu kanaan tilmaameera.
Barattuu Yun. Haramaayaa daakkii bishaaniin medaaliyaa warqii sadii mo'atte
Abbaa fi obbolaan ishees sadarkaa kilabaatti gosa ispoortii bishaan daakuutiin akka hirmaatan dubbatti barattuun bishaan daakuun mo'atte kun.
Chaampiyoonsi Liigii: Arsenal osoo hin mo'amin tapha 8 jalqabaa xumure, Moriinoon Riyaal Maadriid salphise
Taphoota Chaampiyoonsi Liigii Roobii galgala taphataman irratti diraamaawwan hedduu argine, garuu kan Joosee Moriinoo Riyaal Maadiriidiin salphise yaadannoo yeroo kamuu ta'ee hafeera.
Kutaa ciisichaa hanga addunyaa naanna'uutti - Qabxiilee shan waa'ee 'Speed' beekuu qabdan
IShowSpeed jedhamuun kan beekamu Yuutubarri Ameerikaa addunyaa irra naanna'uun daawwachaa jira. Tibbana gara Baha Afrikaatti imaluun Itoophiyaa fi Keeniyaa daawwateera.
Alii Ahimed Noorwich Siitiif goolii galchuu hordofee maaltu jedhame?
Abjuun Alii Ahimed Noorwiich Siitiitti milkaa'uu itti fufeera jedhan xiinxaltoonni.
Mikeel Arteettaa fi taphattoonni Arsenaal erga Maan Yuunaayitidiin mo'amanii maal jedhan?
Arsenaal dirree isaa irratti Maanchister Yuunaayitidiin 3-2'n mo'ame.
Faayidaa daqiiqaa 20f paarkii keessa deddeemuun fayyaaf qabu
Paarkii ykn bosona keessa erga deddeemtanii booda miirri tasgabbii yoo isinitti dhanga'ame, kun isin qofa keessatti yaada dhalate miti; sirnuma lubbu-qabeessaaf hojjetudha.
Piriimer Liigii: Everten 1 - 1 Liidis Yunaayitid
Tapha Pirimeer Liigii Ingilizii torban 23ffaan kan Wixata galgala kana taphatamaa jiruun Everten Liidsiin simatee morkataa jiru. Kilaba baran gadii ol guddatee gahumsa gaarii agarsiisaa jiru Liidsiif bu'aa guddaa buusaa kan jiru Kalvert-Lewiin kilaba duraan keessa ture Everten irratti yoo lakkoofsisa ta'e eegamaa jira.
Garee Maan Yunaayitid 2008 moo Arsenaal 2026tu caala? Dilbata hoo kamtu mo'ata?
Tiyoo Waalkootii fi Wayinii Ruunii garee Maan Yuunaatitid bara 2008 waancaa Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii mo'atee fi Arsenaal har'aa wal madaalsisan.
'Gammachuu imimmaan ija na guute'- Gabreel Yesuus Arsenaaliif galchii lama lakkoofsisee booda
Arsenaal gara Xaaliyaanii imaluun morkii Shaampiyoonsi Liigii Intarmilaan waliin taasisee 3-1 injifateen yeroo dheeraaf miidhamarra kan ture Gabreel Yesuus galchii lama lakkoofsisuun Arsenaal akka injifatu gargaarera.
Peenaaliitii Biraahim Diyaaz: Milkaa'uuf 'Panenka' moo foormulaan Herregaa biraa jira?
Yeroon rukkuttaa peenaaliitii kubbaa miilaa keessatti yeroo diraamaa ciniinsuu ykn dhiphina guddaan guutamedha. Diraamaan qalbii rarraasuun beekamu kun taphattootaafi deeggartoota 'oomaa gelel' dirree guutee jiruufi karaa TVn addunyaa guutuurraa daawwatan daqiiqaawwan muraasa keessatti miira lamatti hiree gaggeessa--isa tokko gammachuun isa kaan ammoo gaddaan.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.





























































































